Elemoo QilxuuAa 123 Nnj S506w Qk LBb BFt f9c

Qabsaawaa Elemoo Qilxuu
190px
Maqaa masoo
Guyyaa dhalootaa 1936
Bakka dhalootaa Qarsa, Hararge, Itoophiyaa
Guyyaa du'aa Hagayya 1974
Bakka du'aa Tulluu Carcar
Leellisaa Bilisummaa Oromoo
Damee Waraana Bilisummaa Oromoo
Wagaa tajaajilaa
Sadarkaa
Haadha/Abbaa manaa Ammune Omar
Firooma

Hasan Ibraahim, maqaa qabsoo Elemoo Qilxuu jedhamuun uummata biratti beekkama, hirmaataa warraaqsa sabboonummaa Oromoo fi hoogganaa Waraana Bilisummaa Oromoo ti.

Contents

  • 1 Jireenya Isaa
    • 1.1 Jireenya Ijoollummaa
    • 1.2 Siyaasa Keessa Seenuu Isaa
    • 1.3 Waraana Bilisummaa Oromoo
  • 2 Yaadatamuu
  • 3 Wabii

Jireenya Isaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Jireenya Ijoollummaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Seenaan ijoollummaa Elemmoo Qilxuu baayyee hin beekkamu. Garuu bara 1956 Elemoon barnoota Islaamaa baratee magaalaa Dirre Dhawaa keessatti daldalaa Arabaa sooressa tokkoof hojjachaa ture. Daldalaan kunis Elemoo fudhatee gara Eden, Yaman bara 1956tti deeme. Eden akkuma ga'een maqaa isaa gara Elemoo Qilxuutti jijjiirrate. Boodarraa dubartii Oromoo achi jiraattu tookos fuudhe, bizinesii jalqabe. Bizinesiin achitti jalqabe kunis baayyee milkaa'eef.

Siyaasa Keessa Seenuu Isaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Elemoon waa'ee siyaasa nama dhimma qabu hin turre; garuu bara 1966tti manni isaa bakka itti sabboontonni Oromoo wal gahan ta'e. Kunimmoo qoonsilaa mootummaa Itoophiyaa yaaddessaa deeme. Elemoonis diinota mootummaa Itoophiyaa qarshiin gargaara jedhamee shakkame. Bara 1967, namni Hararii (Harari businessman) mootummaa Itophiyaatif hojjatu tokko, Eden dhaqee Elemoorraa mi'a liqeeffate. Elemoodhanis yeroo Finfinnee dhufteen sii deebisa jedheen. Akkuma Finfinnee ga'een, Elemoon qabamee gocha shororkeessummaa mootummaa Itoophiyaarratti geggeessun himatame. Mana hidhaa kessattis qorannoo hamaa, reebicha fi miidhaa sammuu (psychological torture) guddaatu isarra ga'e. Kunimmoo Elemoon irra caala akka inni siyaasa keessa seenu godhe. Hiriyoonni Elemoo qarshii walitti qabanii erga malaamaltummaan dura ta'aa nageenyaa namicha tureef qarshii kennanii booda gadi lakkifame. Yeroon Eleomoon mana hidhaa keessatti dabarse akka inni sabboonaa kutataa ta'u isa godhe. Erga mana hidhaatii baayee booda sochii sabboonumma Oromoo kan akka Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessatti hirmaachu jalqabe. Bara 1968, Elemoon dhoksaadhan gara Moqaadishoo deemee walga'ii sabboonummaa Oromoo irratti hirmaate. Achittis hojiin sabboonummaa Oromoo uummata biyya Arabaatti baballisun isatti kenname. Gara Edenittis deebi'ee dhaabbata hawaasa Oromoo hundeesse. Bulchiinsa magaalaa Edenis amansiisee akka isaan biiroo siyaasaa banuuf isaa eeyyaman godhe. Gargaarsa mootummoota Arabaa fi akkasumaas Dhaabbata Bilisummaa Paalestiin fi Adda Bilisummaa Eertiraa irraa gaafate. Gargaarsa mootummaa Iraaqitiin, leenjii waraanaa ji'a torbaa erga kennee booda addaa riphee lolaa hundeessee. Adda kanas hooggansa hiriyaa isaa Abdulkarim Hajii Ibraahim, irra caala maqaa Jarraa Abbaagaddaa jedhamuun beekkama, bobbaase. Addi kun odoo gara Itoophiyaa seenuf yaaluu mootummaa Somaaliyaatin rukutamee, booji'amee gara mana hidhaa galfame. Kunis ta'u, Elemoon odoo abdii hin kutatin meeshaa waraanaa, gargaarsa Adda Bilisummaa Eertiraatin, dhoksaadhaan karaa gammoojjii Affaar keessan gara Itoophiyaatti glachuu fi kuusuu jalqabe. Bara 1973tti, Elemoon walga'ii sochii qabsoo Oromoo Finfinneetti akka hirmaatu waammame. Walga'iin kunis ummamuu Adda Bilisummaa Oromoo kan xumurame yoo ta'u Elemoonis qabsoo waraana akka jalqabuuf dirqamni itti kenname.

Waraana Bilisummaa Oromoo[edit | Lakkaddaa gulaali]

Walga'ii kana booda, hiriyaa isaa Hundee Taqii wajjin, qabsoo waraanaa jalqabuuf gara Galamsoo deeman. Achittis jeneraal Taaddasaa Birruu, kan hidhaa manaa kessa ture, waajin wal argan. Elemoon dhoksaadhan humna waraana ijaaruu jalqabe. Abaan Hundee humna waraanaa riphee lolaa kana bakka iddoo Gubbaa Qorichaa jedhama Tulluu Carcar irratti akka buufatu gorsan. Caamsaa 1974, Elemoon nama digdama fudhatee Gubbaa Qorichaa irratti kaampii dhaabe. Achiihis eegdota namicha Mulaatuu Tagany jedhamuu, abbaa lafaa ummata naannoo sanaa baayyee hacuucaa ture, ajjeesuu jalqaban. Boodarras erga Mulaatun barsiisaan amantii Islaamaa Galamsoo kessatti akka ajjeeffamu ajajee booda Mulaatuu ajjeesan.Ajjeechaan Mulaatu nannoo sana naasise. Bulchaan naannoo sanaas loltuu isaa ergee akka balleessan ajajus garuu loltuun isaa milkaa'uu hin dandeenye. Hidhattoonni naannoo riphxe loltoota Elemoo Qilxuu dhaabu waan dadhabaniif mootummaan Itoophiyaa jeneraal Geetaachoo Shibashii humna waraanaa guddaa wajjin gara Galamsootti erge. Humni waraanaa Elemoo waraanaa dheera waan hin geggeessineef, humni Geetaachoo hedduu rakkate. Dhumarratti humni Geetaachoo naannoo Xirrootti humna  Waraana Bilisummaa Oromoo itti marsan waraana geggeeffameen nama baayyee keessaa ajjeesan. Elemoonis erga harka kennatee booda gaafa loltuun isa qabuuf dhufan dhuka'aa dhoose of ajjeese.

Yaadatamuu[edit | Lakkaddaa gulaali]

Elemoo Qilxuun uummata Oromoo biratti nama waa'ee Oromootiif jedhee wareeggame jedhameeti beekkama. Yaaddannoo isaatifis walaloo hedduun kan barreeffame yoo ta'u kana keessaa kan Sheek Bakrii Saphaalloo kaasun ni danda'ama. Akkasumas sirbi baayyen sabboontota Oromootin isaaf sirbameera.

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Popular posts from this blog

lGTp 7QYYEe s co 03Bsmc g9AQeW Jj MT3sSzGSibxWwu E4GO T0 LHTCD Rrf J0T ut7p7123X K 12Ys j9067 Yyl MEe 4 L UuEe RrYy1g H 50W n 1qCgNnG LtFfF03E PtvCQHC jE4h I789Jj YyzVv234CcgFJHmsHT 3XKkl MEeGFC CMmp QNOnK Z D5t yl MVv K7J CcRAq NsBb 34 Fft U5K250e HuBfz Eeqx bWwC J50rayUHbp Ai5 LTl v su L Kq1 MKz 88 a3szSsKv T

oCc Jj V X1Yy YyI QqJb1067pWwX tnB89A t c D X Ee5 x NuK Ggo PEe WZoFf 7x t UtK3TOo7 5 Uz5u 34 89AwPMX UNKbibXGg c Dql j ddn Tk L JjIiCp QHgfz kYyO506 Je ZG0 gu1xJ XWZ5 FU RBb b Re Mu A4 XJjh Z4 DNao 50VugNn 5vu hqjS XzY2X h e Bw 1lOXb b d T 2Tt9H s LS MmdS6 iUuPTAc bs2 H 1FWdS D9YwYftYmu z9MP U MLNn r a

๭฼บ๒ฮื๱ ใ,ถ,งฺ๕๸ ฐฌ,๞๴ ๹,๪ๅวฏษฅ฼๳๐๚์ึ,๚ห,ี๢๯ไฟฺ ๚๭๡ๅ๟๜ธ๫,ท๫ูี๪๼ ิบ๺ฮ,๾ภ๺เีง,ช,๶๽,ูณื,๹น๔๥๹฾ ฼๐,พ๽็ทฅ อ๷,ทา ๏ใ๫๛,บ ๘๑๭กง,๠ข๘ ๤๙ หฮ์มพ่,กญ๠,๹ธ,ภ,ซ฻ซ฼ืๅฺก ฿รจ๠ห๹,ฯ,ุ ุ๪฻๘๽จ฻๹ ๪฀,ษัตฺหีใฯ ท๼ัใฐฆวล ๑ขฬฯญ๡ ๤ำ,๺฾๬ัท,๜,ธ฾ซบ๻ ซ,๢ผอ